Heerri Mootummaa keenya saboonni, sablammoonnii fi uummattoonni aadaa, afaan, amantiifi eenyummaa isaanii akka tikfataniif bu’uura ta’e- Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan
Finfinnee, Sadaasa 22, 2018 (FMC)- Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahamaan Heerri Mootummaa biyya keenyaa saboonni, sablammoonnii fi uummattoonni hundi walqixxummaan jiraachuun aadaa, afaan, amantiifi eenyummaa isaanii akka tikfataniif bu’uura ta’eera jedhan.
Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaatti mata duree ‘Waliigaltee dimookraatawaa tokkummaa sabdaneessaaf’ jedhuun magaalaa Bulee Horaatti kabajamaa jira.
Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan wayita kana tokkummaa sabdaneessaa mirkaneessuun imala badhaadhinaa milkeessuuf hundi tumsaan hojjechuu qaba jedhan.
Oromoon Sabaafi Sablamoota hedduu waliin jiraachuun utubaa biyya kanaa ta’uu ibsuun, guyyaan kun guyyaa wabii heddummina keessummeessee walqixummaa aadaa, afaaniifi eenyummaa mirkaneesse ta’uus dubbatan.
Kabaja guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota bara kanaa bara itti Hidhi Guddichi Haaromsaa itti xumurameefi hojiin ijaarsa pirojektoota gurguddoo itti eegale ta’uun adda taasisa jedhan.
Ijaarsi Itiyoophiyaa haaraa waliigaltee Saboota, Sablammootaafi Uummattootaan kan dhugoomu ta’uu kaasanii, hundi milkaa’ina isaaf tumsuu akka qabu dhaamuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.