Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Sabootaa fi Sablammoota Itiyoophiyaa sirni Federaalaa bu’uura cimaan akka ijaaramu gumaacheera – obbo Aganyaw Tashaagar

Finfinnee, Sadaasa 22, 2018 (FMC) – Guyyaan Sabootaa fi Sablammoota Itiyoophiyaa sabdaneessummaaf beekamntii kennuun sirni Federaalaa bu’uura cimaan akka ijaaramu gumaacheera jedhan Af Yaa’iinMana Maree Federeeshinii obbo Aganyaw Tashaagar

Obbo Aganyaw Tashaagar guyyaa saboota, sablammootaafi uummattoonn Itiyoophiyaa marsaa 20ffaa sadarkaa Oromiyaatti Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaatti kabajamaa jirurratti argamaniiru.

Guyyichi hariiroo ummattootaa caalmaatti kan cimsuu fi Badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf waltajjii waadaa itti galluudha jedhan ergaa saganticharratti dabarsaniin.

Manni maree federeeshinii sirni federaalizimii akka sirnaan hojiirra ooluuf kan hojjetu ta’uu ibsanii,waggoottan 19 darbanis hojii guddaan hojjetamuu kaasan.

Biyya tokkumma hin qabne keessatti nageenyaafi misooma mirkaneessuun waan hin danda’amneef tokkummaa qabaachuun murteessaa ta’uu hubachiisan.

Ayyaanichi seenaa waloo, duudhaa fi safuu keenya guutuu addunyaatti kan itti beeksiifnuudha jedhan.

Maraa’ol Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.