Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti hojmaanni komii kaffaltoota gibiraa qoratee deebii kennu eegaluufi

Finfinnee, Sadaasa 22, 2018 (FMC)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti hojmaanni komii kaffaltoota gibiraa qoratee deebii kennuuf dandeessisu kamisa dhufurraa eegale hojiirra oola.

Hojmaanni haaraan akkaataa walitti qabiinsa gibiraa fi kenniinsa tajaajilaan walqabatee komii jiru furuuf dandeesissu Waajjira Kantiibaa Magaalichaan hundeeffameera.

Haaluma kanaan akkaataa walitti qabiinsa galii, naamusa hojjettootaa fi kenniinsa tajaajilaan walqabatee komii jiraachuu malan hunda kamisa yeroo mara bakka hogganttoonni argamanitti kan dhaggeeffatamuufi qulqulleeffame deebiin itti kennamu ta’uun ibsameera.

Akkaataa hojmaatichaan kara bilbila bilisaa 9977, kara saanduqa yaada fi qaamaan dhiyaachuun komii dhiyeessuun ni danda’ama jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.