Dooktar Iyyoob Takkaalinyi Alergitoota waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 22, 2018 (FMC)- Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi alergitoota Bunaa, Salixaa fi oomishaalee dheedhii waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, hanqinoota galii sharafa alaa biyyattii eeguufi galiin alergii yeroo fi iftoominaan gara biyyatti akka deebi’u taasisuurratti kan xiyyeeffatedha.
Baankiin Biyyaalessaa tarkaanfii seeraa fudhachuun dura qooda fudhattoota waliin marii taasisuu kan dursu ta’uu Dooktar Iyyoob Takkaalinyi himaniiru.
Baankichi rakkoolee furuun, hojmaata fooyyeessuu fi faayidaa diinagdee Itiyoophiyaa eegsisuuf damee dhuunfaa waliin hojjechuuf murannoo qabaachuus dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.