Waltajjii injifannoo dippiloomaasii olaanaa argamsiise…
Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii biyyoota garee 20 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame cinatti hoggantoota biyyoota 16 waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Itiyoophiyaan biyya bu’uura dippiloomaasii cimaa qabduudha.
Damee dippiloomaasiin ofirra dabartee biyya ardii afrikaaf sagalee olaanaa ta’uun beekamtuudha.
Yaa’ii biyyoota garee 20 irratti hirmaachuun ishee hariiroo dippiloomaasii fi dhaga’amummaa addunyaarratti qabdu caalmaatti kan guddiseedha.
Yaa’iin biyyoota garee 20 waltajjii biyyoonni diinagdee addunyaa % 80 sochoosan irratti hirmaataniidha.
Itiyoophiyaan yaa’icharratti hirmaachuun Invastimantii alaa hawwachuu, hariiroo dippiloomaasii cimsuu, akkasuma fooramii diinagdee biyyootaa fi gaaffii siiqinsa idaa milkeessuuf qooda olaanaa qaba.
Itiyoophiyaan hojii nageenyaa fi tasgabbii, jijjiirama qabeenya qilleensaarratti hirmaannaa cimaa qabduun afrikaaf sagalee olaanaa ta’uu dandeesserti.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’ichatti hirmaachuun cinaatti mariin hoggantoota biyyoota fi dhaabbilee idil addunyaa waliin taasisan tasgabbii diinagdee, bu’aa fooyyessi diinagdee gooroon argaman, Invastimantii hawwachuuf hariiroo uumuu, daldala waloo guddisuu dabalatee dhimmoota faayidaa biyyaalessaa mirkaneessan argamsiisuu ibsame.
Waliigalaan waltajjii injifannoo Dippiloomaasii olaanaa argamsiise ta’uu Waajjirri Ministira Muummee har’a hojiilee Dooktar Abiy Ahimad baatiwwan lamaan kana keessa raawwatan ilaalchisee ibsa kenneen himeera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.