Hindiitti maanguddoon umrii waggaa 70 yeroo jalqabaaf daa’ima argatan
Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) – Maanguddoon umrii waggaa 70 biyya Hindii magaalaa Gujarat keessa jiraatan daa’ima argachuu gabaafame.
Taateen kun daangaa umrii cabsuun, guddina saayinsii yaala ammayyaa keessa jiruu fi cimina haadholii agarsiisa jedhame.
Maanguddoon kunis waggoota dheeraaf mucaa godhachuuf yaaluun kan hin milkoofneef ta’us dhumarratti gargaarsa fayyaatiin umurii waggaa 70tti haadha ta’uu danda’aniiru.
Hiriyoonni gaa’elaa kunneen daa’ima argachuu isaaniitti gammaduu isaanii fi daa’imni isaanii fayyaa ta’uu News24 gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.