Itiyoo-Telekoom fi ‘CAMTEL’ Kaameeruunitti ce’umsa dijiitaalaa saffisiisuuf waliigalan
Finfinnee, Sadaasa 26, 2018 (FMC)- Itiyoo-Telekoom fi ‘CAMTEL’ Kaameeruunitti ce’umsa dijiitaalaa saffisiisuuf waliigalaniiru.
Itiyoo-Telekoom ce’umsa dijiitaalaa Kaameeruun saffisiisuuf kan dandeessisu CAMTEL waliin waliigaltee kontiraataa Maastar Sarvis jedhamu Kaameeruun magaalaa Yaahundeetti mallatteesseera.
Waliigaltichi hoggantoonni CAMTEL hoggansa teeknooloojii olaanaa Itiyoo-Telekoom ijaarsa Dijiitaal Itiyoophiyaa keessatti agarsiise erga daawwataniin booda muuxannoo kana gara Kaameeruunitti fiduuf fedhii qaban bu’uureffachuun mallatteeffamuu eerameera.
Bu’uura waliigaltichaan dhaabbileen lameen Kaameeruunitti sirna kaffaltii dijiitaalaa waliingahiinsa faayinaansii mirkaneessu babal’isuufi kilaawudii biyyaalessaa ijaaruun tajaajiloota mootummaa dijiitaalessuuf kan hojjetan ta’uun ibsameera.
Dabalataanis waliigaltichi furmaatawwan dijiitaalaa dhaabbilee diinagdee dijiitaalaa Kaameeruuniif ijoo ta’an akkasumas tajaajiloota intarkoneekti waloon hojiirra oolchuuf kan dandeessisu ta’uun eerameera.
Waliigalteen kun boqonnaa Itiyoo-Telekoom bu’uura tarsiimoo 2028 tajaajila daangaa ce’aa dhiyeessuuniifi tumsa ardii cimsuun imala Diijitaal Afrikaa saffisiisuuf dandeessisu ta’uus ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna