Hojiin Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee caalmaatti misoomsuu fi mijaataa gochuu hojjetamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) – Lakkoofsi Turistoota biyya keessa fi Alaa Paarkii Biyyaaleessa Garreen Baalee daawwatanii dabalaa dhufuu Itti Gafatamaa Damee Turizimii Paarkii Biyyaleessa Garreen Baalee obbo Garrammoon Mabaraatuu ibsaniiru.
Hojiin Paarkicha caalmaatti misoomsuu fi daawwattootaaf mijaataa gochuu raawwatamaa jira jedhan.
Turistoota Paarkii biyyaalessaa Gaarreen Baalee daawwatan keessaa % 45 lammiilee biyya alaa yoo ta’an, % 55 ammoo barattoota dhaabbilee olaanoo dabalatee lammiilee biyya keessaa ta’uu dubbatan obbo Garrammoon.
Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee Finfineerraa kiilomeetira 430 fagaatee kan aragamu yoo ta’u, lafa hektaara kuma 200fi kuma 15 uwwisee argama.
Paarkichi qixa galaanaarraa meetira kuma 1 fi 400 – kuma 4 fi 377 ol ka’ee argama.
Guyyaa har’as Ogeeyyiin miidiyaafi rogeeyyiin, Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee kana daawwataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.