Fana: At a Speed of Life!

Kenniinsa tajaajilaa fooyyessuufi madda kira sassaabdummaa hundeerraa gogsuun murteessadha – Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) – Seenessa waloo jabeessuun dhaloota dhufu Badhaadhina dhaalchisuuf mootummaan cichoominaan hojjechaa jira jedhan Sadarkaa Ministiraatti Itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Jiddugaleessaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa obbo Fiqaaduu Tasammaan.
‎
‎Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti mariin ummataa mata duree “Misraachoo Gubaa fi Bu’aa Mootummaa Ida’amuu” jedhuun gaggeeffame.
‎
Bu’aawwan Mootummaa Ida’amuun gama Diinagdee,  hawaasummaa, siyaasaafi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf akka Magaalaa Finfinneetti argaman keessatti hirmaannaa uummataa olaanaa ta’uu marichaan ibsameera.
‎
‎Biyya jabduu, gama hundaan misoomteefi sodaatamtu kan fayyadamummaan uummataa roga hundaan keessatti mirkanaa’e, arguuf seenessa waloo jabeessun dhaloota dhufu Badhaadhina dhaalchisuuf Mootummaan cichoominaan hojjechaa jirra jedhan obbo Fiqaaduun.
‎
‎kenniinsa tajaajilaa fooyyessuufi madda kira sassaabdummaa hundee irraa furuuf akka biyyattii qabsoon eegalame hirmaannaa uummataan cimee itti fufa jechuun ibsan.
‎
#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.