Hojiin eenyumeessa Diijitaalaa sirna baankii waliin walitti hidhuu ifatti eegalame
Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Ce’umsa Damee Faayinaansii Diijitaalaaf boqonnaa murteessaa kan ta’e hojiin eenyumeessa Diijitaalaa ‘faayidaa’ sirna baankii waliin walitti hidhuu ifatti eegalameera.
Baankiin Biyyaalessaa dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseera.
Har’a hojiin eenyummeessa diijitaalaa lakkoofsa herreegaa maamiltoota baankiiwwan hundaa waliin walitti hidhuu ifatti eegalamuu hime.
Hojiin sirna ragaa walitti qindeessuu kun maamiltoonni bakka jiranii karaa nageenyummaan isaa eegameen maallaqa akka daddabarsan, qaamoleen biroo sanada sobaan herreega isaanii akka hin sochoofne,haala salphaa ta’een liqaa argachuu akka danda’an, waraqaa eenyummeessaa tokkoon baankota hundatti tajaajila argachuuf kan isaan dandeessisuudha jedhe.
Baankileen ragaa qindoome kanaan odeeffannoo waqtaawaa fi sirrii maamiltoota isaanii akka argatan, eenyummaa sobaan waliin dhahiinsa maallaqaa mudatu ittisuurra darbee guddina damee faayinaansii diijitaalaaf dhimma murteessaa ta’uu hime ibsa isaan.