Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 8, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimmud Alii Yusuuf fi garee isaanii waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa waaree booda Itiyoophiyaafi Gamtaan Afrikaa, Afrikaa haalaan kan bakka bu’u COP32 qopheessuuf akkaataa kamiin walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka danda’an irratti Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaafi garee isaanii waliin mari’anneerra jedhan.

Hoggansa Maahimuud Alii Yusuufiin Komishiniin Gamtaa Afrikaa COP32 milkeessuu keessatti deeggaraa ijoo Itiyoophiyaa ta’uuf murannoo qabaachuu hubadheera jedhan ergaasaaniin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.