Itiyoophiyaa fi Jibuutiin geejjiba oomishaalee galii fi alergii caalmaatti saffisisuuf…
Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaa fi Jibuutiin geejjiba oomishaalee galii fi alergii caalmaatti saffisisuuf tumsa hundaleessaa cimsanii itti fufsiisuuf murannoo qaban mirkaneessaniiru.
Jilli Hoggantoota Olaanoo Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Itti Gaafatamaa Qindeessa Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraahin durfamu Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Jibuutii Abdulqaadiir Huseen waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin michummaa biyyoota lameen gidduu jiru dhimmoota caalmaatti cimsuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Geejjiba oomishaalee galii fi alergii caalmaatti saffisisuuf walitti hidhamiinsa damee hedduu qaban cimsanii itti fufsiisuuf murannoo qaban mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Jilli Obbo Adam Faaraah durfamu Jibuutiitti daawwannaa hojii taasisaa jira,.