Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaafi Itiyoophiyaan waliigaltee deeggarsaa Doolaara biiliyoona 1.6 ol mallatteessan

Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC) –Ameerikaafi Itiyoophiyaan waliigaltee deeggarsaa Doolaara biiliyoona 1 fi miiliyoona 600  mallatteessaniiru.

Mootummaan Ameerikaa tumsa damee fayyaa Itiyoophiyaaf deeggarsa Doolaara biiliyoona 1.01 ifoomseera.

Deeggarsi kun tumsa misoooma waaraa waggoota shanii damee fayyaafi invastimantii waloo cimsuuf kan oolu.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee, Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaafi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaan mallatteessaniiru.

Deeggarsi kun tumsa Itiyoophiyaafi Ameerikaa keessatti isa seena qabeessa ta’uun ibsameera.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.