Iraaq Qorrii fi Cabbii hamaan mudate
Finfinnee, Mudde 20, 2018 (FMC) – Kaaba Iraaq bulchiinsa Eerbiilitti Cabbii cimaan roobe miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu gabaafame.
Cabbii cimaa roobeen namoonni 19 achi buuteen isaanii dhabamuu bulchiinsichatti Daayrekterri Ittisa Siiviilii aanaa Sooraan Kaarwaan Miiraawudeeliin ibsaniiru.
Yeroo ammaa hojiin lubbuu baraaruu hojjetamaa jira jedhan.
Poolisii Tiraafikaa fi ogeeyyii Suphaa daandii dabalatee gareewwan lubbu baraartotaa 6 aanaa Sooraanii fi Siidaanaatti bobba’uun Konkolaattoota hedduu baraaruu fi daandiwwan cufaman banaa jiraachuu daayrekterichi himaniiru.
Hojii lubbuu baraaruu hanga ammaatti hojjetameen lubbuu namoota 4 oolchuun danda’amuu eeran.
Iraaq bulchiinsa Kuurdiistaanitti guyyoota hedduuf cabbii fi qorra cimaa muudate rakkoo tiraafikaa olaanaa uumamuu ibsame.
Bulchiinsa Eerbiilitti ammoo sababa cabbiin daandiwwan cufamuu Anaadooluun gabaaseera.
Soosinnaa Alamaayehutiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.