Fana: At a Speed of Life!

Waliin ga’iinsa Humna Ibsaa milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa 2030’f…

Finfinnee, Muddee 21, 2018 (FMC) – Ministeerri Bishaaniifi Inarjii Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa 2030’f humna ibsaa waliin ga’uuf hojjechaan jira jedhe.

Ministeerichatti hojii gaggeessaa olaanaan Odeeffannoo Elektirifikeeshinii fi Inarjii obbo Mesfin Dhaabaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniitti akka himanitti, waggoottan 7 darbanitti sagantaa elektirifikeeshinii biyyaalessaatiin maatiin miiliyoonni 2 ol fayyadamoo humna ibsaa ta’aniiru.

Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2030’f waggoota dhufan keessatti maatii miiliyoona 9f humna ibsaa dhiyeessuuf hojjetamaa jiras jedhan.

Akkasumas, teeknooloojiin anniisaa aduu sadarkaa maatii fi hawaasaatti naannoo giiridii biyyaalessaa irraa fagaatetti waliin ga’uuf karoorri akka jirus dubbataniiru.

Pirojektoonni dhiyeessii anniisaa aduu naannoo tokkotti hojjatamee hanga maatii 100 tajaajilu ni hojjetama jedhaniiru.

Kunis waliin ga’iinsa humna ibsaa amma jiru %63 irraa gara %75’tti akka guddisu fi milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa 2030’f akka gumaachu ibsaniiru.

Balaay Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.