Fana: At a Speed of Life!

Dhimma ulaa galaanaa irratti hundi waloon dhaabbachuun barbaachisaadha- Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos

Finfinnee, Muddee 21, 2018 (FMC) – Dhimma ulaa galaanaa irratti hundi waloon dhaabbachuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.

Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Walga’ii idilee 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa guyyaa har’aa gaggeeffame irratti gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebiifi ibsa laataniiru.

Dooktar Geediyoon wayita kana Itiyoophiyaan biyyoota naannawichaa hedduu waliin hariiroo gaarii akka qabdu kaasaniiru.

Biyyoonni gurguddoon faayidaa biyyaalessaa isaanii eegsusuuf naannawichatti kan waldorgoman ta’uu eeruun, Itiyoophiyaanis haala faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuun danda’amuun hojiilee dippiloomaasii hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana malees hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu bu’uuraalee misoomaa kanneen akka humna elektrikaa, baaburaafi kanneen biroon walitti hidhuuf hojiin hojjetamu cimee kan itti fufu ta’uu eeran.

Gaaffiin ulaa galaanaa deebii akka argatuuf haala karoora tarsiimawaa waggoota dheeraa ilaalcha keessa galcheen hojjetamaa akka jiru ibsuun, hawaasni idil-addunyaa ajandaa Itiyoophiyaa akka hubatu taasisuuf hojiin hojjetamuu hubachiisaniiru.

Gaaffiin ulaa galaanaa gaaffii dhalootaa ta’uu fi gaaffichi mootummaa yookaan paartii tokkorra kan ce’u ta’uu ibsaniiru.

Dhimma biyyaalessaa kana ajandaa waloo godhachuun itti fufsiisuuf carraa argame hundatti fayyadamuun gaaffii kana beeksisuun barbaachisaadha jedhan.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.