Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen qonnaan bultoonni eegalan badhaadhina Itiyoophiyaaf agarsiiftuudha – Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Mudde 21, 2018 (FMC)- Hojiileen Qonnaan bultoonni oomishtummaa guddisuun jiruuf jireenya isaanii jijjiiruuf eegalan badhaadhina Itiyoophiyaaf agarsiiftuudha jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaan.

Obbo Addisuu Araggaan Naannoo Sidaamaa naannawaa Hawaasaa fi Aanaa Shebedinootti Muduraa qonnaan bultootaan misoomaa jiru daawwataniiru.

Obbo Addisuun wayita kanatti haasawaa taasisaniin, qonnaan bultoonni kanaan dura deeggarsi taasifamaafii ture misooma muduraarratti hirmaatanii nyaataan of danda’uu bira darbanii galii gaarii argachaa jiru jedhan.

Naannichatti jallisii marsaa jalqabaan lafti heektarri kuma 80 ol muduraalee garaagaraan misoomaa kan jiran yoo ta’u kanarraas oomishni kuntaallii miiliyoonni 18 ni eegama.

Qonnaan bultoota naannichaaf deeggarsi barbaachisu kan taasifamu ta’uu obbo Addisuun dubbataniiru.

Misoomni Hoortikaalcherii naannichi qabu muuxannoon kan irraa qoodatamu ta’uus kaasaniiru.

Qonnaan bultoonni misooma hoortikaalcheriirratti hirmaatan gamasaaniin, deeggarsaa fi hordoffii mootummaan taasisaafii jiruun jijjiirama argachuu ibsaniiru.

Waggoottan darban xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenneen walitti hidhamiinsa gabaa bu’aa qabeessa taasiseeras jedhan.

Xilaahuun Yilmaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.