Mirga daa’immanii fi dargaggoota shamarranii eeguun dhaloota ga’oomeen egeree cimaa ijaaruuf hojjetamaa jira – BDIO
Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Mirga daa’immanii fi dargaggoota shamarranii eeguun dhaloota ga’oomeen egeree cimaa ijaaruuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa.
Dhiibbaa daa’immanii fi dargaggoota shamarranii irra gahu maqsuun hirmaannaa hunda galeessaa cimsuu ta’uu hime.
Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa leenjii Ijaarsa dandeettii miidhaa koorniyaafi daa’immanii hir’usuu irratti kennaa jira.
Miidhaa daa’immanii fi dargaggoota shamarranirra gahu ittisuun mirga isaanii eeguun lammii ga’oomineen egeree cimaa ta’e ijaaruuf hojjetamaa akka jiru ibsame.
Koorniyaa idileessuun humna oomishaa guddisuufi dhaloota ijaarsa biyyaatiif murteessaa ta’an horachaadha jedhan Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aaddee Roozaa Biyyaan saganticharratti ergaa dabarsaniin.
Dhiibbaa xiinsammuu dargaggoota shamarraniirratti raawwatamu hambisuuf qindoominaan hojjechuun dirqama ta’uu kaasan.
Saganticharratti ogeeyyiin koorniyaa Godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa, akkasumas qooda fudhattoonni biroo argamuu Daayrekterri Kominikeeshinii Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa obbo Rabbiyyuu Tamaam Faanaa Dijitaalitti himaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.