Ayyaana Cuuphaa fi tapha Gugsii/Garmaama Fardaa
Finfinnee, Amajjii 9, 2018 (FMC) – Fardi mallattoo gootummaa, miidhaginaa fi ayyaantummaati jedhu hayyoonnii fi jiraattoonni.
Akaakuu tapha aadaa keessaa tokko gugsii fardaati.
Fardi akka ilma namaatti ilaalama, mallattoo gootummaa fi jaalalaati.
Oromoon fardaan gulufee roorroo daangasaatti dhufu ittiin ofirraa ittisaa ture.
Kanaaf Fardi mallattoo gootummaa waan ta’eef aadaa taphaa jaallatamaadha.
Fardi abbaaf amanamaa dha.
Kanaaf ‘nama yartuurra Farda gaarii wayyaa,
Fardi abbaa hin ganuu wajjin ala bulaa, bulloo kiyya bulloo kanaaf namaraaraa’ jedhamee sirbama.
Wayita Gugsii yaaphataan yoo kufe illee gatee hin deemu irra dhaabbatee himimsaa lafa aboota.
Fardi Gugsiif oolu kunuunsaa fi nyaata addaa barbaada.
Gugsiin Fardaa gareen gaggeeffama.
Kan ari’u ulee/zangii jiidhaa qabatee ari’a, kan dheenfu
(dheessu) ammoo ulee Shimalaa fi Gaachanaan ofirraa qolata.
Fardas ta’ee abbaan Fardaa meeshaalee gugsiif oolaan guutachuun dhiyaatu.
Fardi Kooraa, Luugama, Faanoo, uddeellaa, Garajalee, Qomoo fi Fuuloo dabalatee meeshaalee biroon faayamee dhiyaata.
Abbbaan Fardaas Gaachana, Alangee, Ulee fi uffataalee Gateettii fi Mataatti hidhata guutuun iddoo Gugsiitti dhiyaata.
Akkaataa Gugsii/Garmaama Fardaatti kan ari’u daangaa kennameef keessatti qofa waraanuu danda’u. Yaaphaticha malee Fardas waraanuun dhorkaadha.
Ulee jiidhaan malee ulee gogaan walwaraanuun hin danda’amu jedhan Inistiityuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromootti qorataan Fookilaarii fi Ogbarruu obbo Bilisumma Caalaan.
Abbaan Fardaa fi Fardi yeroo dheeffan haala itti miliqan, qolatanii fi dheeffan wal dubbisaa adeemu jedhan.
Namoonni ciccimoon hanga garaa Fardaa jala naanna’uu danda’an jiru.
Farda wal madaaluutu waliin garmaama.
Yeroo tokko ari’uu, si’a tokko ammoo dheeffuun taphatama.
Gombifni yookaa yaaphin Fardaa osoo hin eegaliin dura dirreen sirnaan sakatta’ama, dirree diriiraa bu’aa ba’ii hin qabne ta’uu qaba.
Abbootiin dirrichi sirrii ta’uu erga mirkaneessaniin booda eebbaan gugsicha eegalchisu.
Gugsiin fardaa akkaataafi adeemsa itti taphatamu qaba.
Gugsii keessatti namoonni gartuu lamatti hiramanii ykn naannoo adda addaa irraa dhufanii akka walitti aananiin tumsa ijaarratanii gamaa gamana dhaabbatu.
Waaqa isaanii kadhatanii, nuhoofkalchi; collee keenya hoofkalchi; humnakee nuuf kenni jedhanii Waaqaaf galata galchanii gara gugsiitti bobba’u.
Kaayyoo guddaan Gugsii Fardaa hariiroo hawaasaa cimsuu, ga’umsa qaamaa guddisuu, birmadummaa biyyaaf of qopheessuu fi bashannanaafi jedhan obbo Bilisummaan.
Keessatuu diina ar’anii waraanuu fi dheenfanii jalaa bahuuf Fardi meeshaa olaanaa ta’uu eeran.
Oromoon Fardi mallattoo gootummaa, nageenyaa fi kabajaa akka ta’etti fudhata.
Fardi Ayyaantuudha,qa’ee Fardi jiru nageenyatu jira, ayyaantummaatu jira jechuun amanu.
Keessattuu Salaaleetti Fardi mallaattoo gootummaa, miidhaginaa fi ciminaa akka ta’etti ilaallama.
Fardi achiis sanyiin, humnaan, malaanis adda akka ta’e eeran obbo Bilisummaan.
Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan hedduun sababa babal’achuu lafa qonnaa fi magaalotaan dirreen dhabamuun gugsiin Fardaa laafaa dhufuu dubbachuun, haa ta’uutii Salaaleetti garuu aadaa fi bu’aa Fardaa sirnaan hubachuun addatti dirreen qophaa’ee aadaan gugsii fardaa ammallee cimee itti fufuu ibsan.
Cidha dabalatee sirnoonni garaagaraa Fardaan dabaalamanii raawwatamu.
Collummaa yookaa ga’umsaa irratti hundaa’uun Fardaaf moggaasni maqaa kennama.
Bulloo, Daalee, Shaashoo, lammachaa fi akkaatuma naannawaatti maqaan kennamaaf.
Indaastirii Garmaama Fardaa caalmaatti babal’isuuf giddugala leenjii Fardaa hundeessuu fi Farda sanyii filatamaa baay’isuun faayidaa isaa Tuurizimiif oolchuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Shawaa Kaabaatti Yuunivarsiitiin Salaalee, Waajjirri Aadaa fi Tuuriziimii fi Waajjirri Dargaggoo fi Ispoortii waliin ta’uun aadaa Gugsii Fardaa caalmaatti babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiru jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii godinichaa obbo Mooneet Ida’aan.
Fardaaf kunuunsa addaa taasisuu fi giddugala kunuunsaa fi horsiisa Fardaa hundeessuun hojjetamaa jiraachuu kaasaan.
Aadaan Gugsii/Garmaamni Fardaa ummata Shawaa Kaabaaf mallattoo addaa ta’uu isaan aadicha guddisuu fi beeksisuuf seektaroonni dhimmi ilaallatu qindoominaan hojjetaa jiru jedhan.
Kanuma bu’uura godhachuun bara baraan shaampiyoonaan Ispoortii aadaa fi Feestivaalli aadaa aanaalee hanga godinaatti gaggeeffamaa jiraachuu dubbachuun, keessattuu gugsiin Fardaa ammoo haala addaan gaggeeffamaa jiraachuu eeran.
Bara kanas Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa fi Feestivaalli aadaa aanaalee 13 fi bulchiinsa magaalootaa 2 hirmaachise gaggeeffamaa akka jiru himan.
Salaaleetti ayyaantuu Oromootti aanee Fardi ayyaana waan qabuuf Fardaaf kabajaa fi jaalala addaatu kennama.
Fardi akka ilma namaatti waan ilaallamuuf namni ilmoo hin qabne illee Fardaan waamama jechuun ibsan obbo Mooneet.
Fardi yeroo gammachuu fi gaddaa, sirnaa fi yeroo ayyaanoota waggaa dhala namaarraa adda hin bahu.
Abbaan Daalee, Fardi gaafa booree, gaafa lolaa Salaaleetti kabajaa fi jaalala addaan beekamu yeroo ammaa kabajnii fi kunuunsi barbaachisu godhamaafii jira jedhan.
Fardi eenyummaa fi mallattoo ummatichaa ta’uu isaan godinicha keessatti Fardi Gaarii akka hin harkifne, fe’umsas akka hin baanne seerri tumamee dhorkamuu dubbatan.
Ammatti naannawaa Salaalee kamiiyyuu keessatti Fardi gaarii harkisu hin jiru jedhan.
Yeroo ammaa Aadaa Gugsii Fardaa caalmaatti babal’isuun hawwata Tuurizimiif oolchuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu eeran.
Fardi ilma namaa bakka bu’a, ayyaantuu, mallattoo qulqullummaa, gootummaa fi jaalalaa waan ta’eef kutaaleen Oromiyaa biroos gaarii Fardarraa akka hiikaan obbo Mooneet waamicha dhiyeessaniiru.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna