Naannoo Harariitti bu’aan filannoo yeroo maxxanfamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 25, 2018(FMC)- Naannoo Hararii buufataalee filannoo naannoolee filannoo 3 jala jiran 294’tti bu’aan filannoo yeroo maxxanfamaa jira.
Filannoo waliigalaa 7ffaa guyyaa kaleessaa gaggeeffameen uummanni dammaqinaan bahee buufataalee filannoo naannichatti argamanitti sagalee isaa kennuun ni yaadatama.
Haaluma Kanaan buufataalee filannootti bu’aan filannoo yeroo maxxanfamaa kan jiru yoo ta’u, filattoonnis bu’aa kana ilaalaa jiru.
Tashoomaa Hayiluutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia