Adeemsi sagalee kennuu dheerate
Finfinnee, Caamsaa 24, 2018 (FMC) – Adeemsi kenniinsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaa sa’aatii 12:00 eegalee raawwatamaa ture dheerachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksiise.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a Caamsaa 24, 2018 barii sa’aatii 12:00 eegalee Adeemsa sagalee kennuu Filannoo waliigalaa 7ffaa raawwachiisaa jira.
Boordichi hanga galgala kana sa’aatii 12:00tti filattoonni sagalee kennuuf hiriirra turan hanga sagalee isaanii kennanii xumuranitti adeemsi sagalee kennuu akka itti fufu beeksiseera.
Akkaataa Labsii 1162/2011 keeyyata 49 muraa 4 tiin boordichi adeemsa kenniinsa sagalee dheeressuu akka danda’u tumameera.
#Oromia #Ethiopia