Dooktar Abiy Ahimad Pirojektii qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Madaanaalamii Qacanee hojii eegalchiisan
Finfinnee, Caamsaa 25, 2018(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Pirojektii qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Madaanaalamii Qacanee hojii eegalchiisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, barii Filannoo Waliigalaa 7ffaa, har’a ganama pirojektii deebisanii misoomsuu fi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Madaanaalamii Qacanee jiru ifatti hojii eegalsiifneerra jedhan.
Kaka’umsi guddaan kun iddoowwan golgolaa’an eegumsa biyyoo ammayyaafi laga calaluudhaan gara bakkeewwan magariisaatti geeddaruudhaan paarkiiwwan muduraalee, daandiiwwan deemsa miilaafi biskileetii waliin qindeessuudhaan magaalaa guddoo keenya haaresseera jechuun ibsaniiru.
Pirojektichi misooma qarqara lagaa kiiloo meetira 22.25 akka uwwisu eeraniiru.
Hojii misoomaa keenya addaan hin cinneef ragaa jiraataa ta’uusarrayyuu guddinni biyya keenyaa, kunuunsi naannoofi haaromsi magaalaa hojiidhaan kan itti mul’atedha jedhan.