Raabsitoonni meeshaalee ijaarsaa nagahee malee gurgurtaa raawwataa turan to’ataman
Finfinnee, Amajii 9, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti oppireeshinii gaggeeffameen Daldaltoonni meeshaalee ijaarsaa raabsan nagahee malee gurgurtaa raawwataa turan 11 to’atamaniiru.
Guyyaa kaleessaa naannawaa Markaattoo(Agamsaa)tti oppireeshinii qindaa’aa gaggeeffameen qaamoleen nagahee malee gurgurtaa raawwatan kunneen to’annoo seeraa jala oolan jedhe Biiroon Galiiwwan Magaalaa Finfinnee.
Abbootiin qabeenyaa kunneen gibira mootummaa waliin dhahuuf wayita nagahee malee gurgurtaa raawwatan harkaaf harkatti to’atamuu biirichi Faanaa Diijitaalitti himeera.
Torbee lama duras Daldaltoota Gommaa fi meeshaalee Elektirooniksii irratti bobba’anii hojjetaa jiranirratti oppireeshinii tasaa gaggeeffameen namoonni nagahee malee gurgurtaa raawwatan 20 harkaa fi harkatti to’atamuun kan yaadatamuudha.
Hojiin to’annoo fi hordoffii kun cimee kan itti fufu ta’uus biirichi ibseera.
Hawaasni Daldalaa gurgurtaa kamiiyyuurratti nagahee akka fayyadaman hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.