Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo biyyoota BRICS cimaa dhufe…

Finfinnee, Amajjii 13, 2018 (FMC) – Hojiileen waggoottan darban Raashiyaan hojjette biyyoota miseensaa garichaa gidduutti hariirroon akka cimu dandeessiseera.

Hojiileen dippiloomaasii adda addatti bara 2025 keessa hojjetaman bu’aa qabeessa turan jedhan Ministirri Alaa Raashiyaa Sargee Laabroov.

Hojiileen kunneenis hariiroo biyyoota miseensa garichaa gidduu jiru caalmatti cimsuu ibsan.

Yaa’ii Hoggantootaa Raashiyaa – Afrikaa 3ffaaf qophiin xumuramuu ibsan Sargee Laabroov.

Barri Aadaa Raashiyaa – Chaayinaa milkiin xumuramuu eeruun, barri 2026 – 2027 bara barnootaa biyyoota lamaanii jedhamuun moggaafamuu dubbatan.

Tumsi diinagdee biyyoota lamaanii milkaa’ina galmeessuu himan.

Haaluma walfakkaatuun tumsi Raashiyaa – Hindii, akkaasuma tumsi Raashiyaa – Iraan milkaa’aa turuu TV BRICS gabaaseera.

Soosinnaa Alamaayyootiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.