Fana: At a Speed of Life!

Oomishni qamadii baatiiwwan jahan darbanitti kuntaala miiliyoona 100 fi miliyoona 26 ol irrra gaheera- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 22, 20018(FMC)- Oomishni qamadii Itiyoophiyaa baatiiwwan jahan darbanitti kuntaala miiliyoona 100 fi miliyoona 26 ol irra gaheera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, sagantaan qamadii Itiyoophiyaa oomishtummaa dabaluun sirna jallisii babal’isuu, sirna dhiyeessii sanyii cimsuun akkasumas naannawaa ijoo ta’anitti qonnaan bultoota deeggaruun imala of danda’uu biyya keenyaa irratti kan hundaa’edha jedhan.

Bara 2018 baatiiwwan jahan darbanitti oomishni qamadii waliigalaa kuntaala miiliyoona 100 fi miiliyoona 26.69 irra gahuu ibsaniiru.

Kunis oomisha qamadii bonee osoo hin dabalatiin ta’uu ibsuun, qonnaan bultoota keenya dinqisiifachuufi galateeffachuun barbaada jedhan.

Cichoomina keessan kanaan itti fufaa jechuunis dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.