Fana: At a Speed of Life!

Sababa garee seeraan alaa ABUT’n diigamee kan ture Kaabineen naannichaa hundaa’uun hojii eegale – Obbo Asaffaa Abrahaa

Finfinnee, Sadaasa 19, 2019 (FMC) – Sababa garee seeraan alaa ABUT’n diigamee kan ture Kaabineen naannichaa hundaa’uun hojii eegale jedhan Raawwachiisaa Olaanaan Bulchiinsaa fi Tajaajila uummataa Bulchiinsa Imaanaa Naannoo Tigraay Obbo Asaffaa Abrahaan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bulchiinsa imaanaa naannichaa waliin tarkaanfilee fudhataman, qormaatilee mudatanii fi dhimmoota waloo dursa barbaadaan gamaaggamaniiru.

Hojiilee guyyoota 45’n darban keessa raawwatamanii fi yeroo itti aanu raawwachuuf karoorfaman ilaalchisee obbo Asaffaan ibsa taasisaniiru.

Yeroo jedhame keessatti bulchiinsa naannichaa diigamee ture irra deebiin gurmeessuun dhaabuuf hojiin hojjetamuu kaasan.

Akkasumas hoggansi fi caasaan bulchiinsaa sadarkaa Godinaa, aanaa fi gandaatti hundeeffamuu isaa dubbatan.

Kaabinee naannichaa sababa garee seeraan alaa ABUT’n diigamee ture irra deebiin gurmeessuun hojii eegalchiifnerra jedhan.

Bulchiinsi imaanichaa humna namaa hojii hojjechuu danda’uu fi itti gaafatamummaa bahachuu danda’u ramadamuu himan.

Humni namaa ramadame hojii isaa sirnaan raawwachaa jiraachuu isaa mirkaneessuuf gamaaggamni cimaan gaggeeffamaa akka jiru ibsan.

Raawwiiin bulchiinsi Imaanichaa hanga ammaatti raawwate bu’a qabeessa ta’uu Mootummaan Federaalaa gamaaggamuu isaa ibsan.

Mootummaan Federaalaas deeggarsaa fi tumsa barbaachisaa ta’e hundumaa kennuuf qophii ta’uu isaa mirkaneesseera jedhan.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.