Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti fedhii fi dhiyeessii Mana jireenyaa guddisuuf…

Finfinnee, Amajjii 24, 2018 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti fedhii fi dhiyeessii manneen jireenyaa wal simsiisuuf hojiileen dandeessisan cimanii itti fufaniiru jedhe Biiroon Misooma Magaalaa fi Maneennii Naannichaa.

Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa obbo Birhaanuu Baqqalaa akka jedhanitti, naannichatti rakkoo mana jireenyaa furuuf hojiileen damee hedduu hojjetamaa jira.

Waliingahiinsa manneen jireenyaaf guddisuuf hojiilee akka waldaan gurmeessuu, dandeettii Abbootii qabeenyaatti fayyadamuu, Tajaajila lammummaa fi hirmaannaa ummataan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Aadaa walgargaaruu guddisuun hirmaannaa hawaasaan mana lammiilee harka qalleeyyii fi humna dhabeeyyii haaroomsuufi ijaaruun bu’aan galmaa’uus kaasaniiru.

Baatiiwwan jahan darban manneen kumni 100 fi kumni 16 fi 429 ijaaramuu obbo Birhaanuun himaniiru.

Akkasumas waldaaleen gurmaa’uun mana ijaaruuf eeyyama kanneen fudhatan keessaa kumni 16 ol mana argataniiru jedhan.

Alseerummaa magaaloota keessatti mul’atan ittisuufi to’achuuf hojii qindoominaan hojjetameen bu’aan olaanaa argamuu kaasaniiru.

Qaamoolee manneen gandaa karaa seeraan alaa qabatanirrattis tarkaanffiin fudhatamuu kaasuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.