Humna Qilleensa cimaa fi ammayyaa birmadummaa biyyaaf
Ciminni Humna Waraanaa biyya tokkoo kan madaalamu keessa tokko qophummaa fi ga’umsi humna qilleensaa adda dureedha.
Samiin daangaa dhumaa biyyaati; Eegumsi Birmadummaa daangaa achii jalqaba.
Daangaa qilleensaa sirnaan sakatta’uu, sodaawwan kamiyyuu saffisaan adda baasuu fi gahumsaan ittisuun ergama ijoo Humna Qilleensaa ti.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota 90n darban qilleensa biyyaa dammaqinaan eegaa ture, har’a gootummaa seenaa isaa teeknooloojii ammayyaa waliin makuun gara marsaa haaraatti ceheera.
Guddina teeknooloojii biyyaalessaa milkeessuun madda boonsaa biyyaa ta’uu itti fufeera.
Dhaabbatichi waggoottan darban keessaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gahee olaanaa taphataa kan ture yoo ta’u, jijjiirama qubsama Siyaasaa fi Teeknooloojii waliin of jijjiiruun sadarkaa amma irra jirurra gaheera.
Humna Namaa ga’umsa ogummaa waraanaa, namuusaa fi duudhaalee tokkummaa biyyaalessaa qaban ijaaruun dhaabbatichi nageenyaa fi birmadummaa biyyaaf gaachana ta’eera.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun samii biyyaattii eeguu, akkasumas nageenya naannawaa tiksuuf qophummaa olaanaa qaba.
Yeroo ammaas meeshaalee waraanaa fi xiyyaarota waraanaa gosa adda addaa hidhachuun sadarkaa daran amansiisaa ta’erratti argama.
Leenca daangaa biyyaa tiksuufi uummataaf gaachana jabaa ta’eera.
Seenaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa jechuun injifannoowwan waraanaa kaleessaa qofa yaadachuu miti; muuxannoo kaleessaa irraa barachuun, gara fuulduraatti qophaa’uuf dhaabbata cimaa ijaaruuf taasifamu imaladhas.
Goota waraanaan qorame, kasaaraa xiqqaan ergama tokko milkaa’inaan xumuru, teeknooloojii ammayyaa hidhatee fi qophummaa hundagaleessa kan goonfateedha.
Goota Samiirraa gara fuulduraattis samii eeguuf qophummaa addaa fi ga’umsa olaanaa qabuudha.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa