Dhaabbileen qindoominaa fi olkaa’iinsa biyya madaaluun hojjechu qabu- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Amajjii 25, 2018 (FMC) – Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dhaabbileen qindoominaa fi olkaa’iinsa biyya madaaluun hojjechu qabu jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaa obbo Tamasgeen Xurunaan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan gabaasa raawwiii baatiiwwan jahan darbanii Dhaabbilee Wamaamtoota Ministira Muummee gamaaggamaniiru.
Obbo Tamasgeen waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, Itiyoophiyaan Piroojektoota gurguddoo yeroo yeroon eebbisiisaa jiraachuu dubbatan.
Mootummaan Jijjiiramaa daandiiwwan isaa ida’amuu, gahuumsa isaa immoo badhaadhina taasifachuun beekumsaa fi ejjennoon hojjechuun seenaa misoomaa fi badhaadhinaa Itiyoophiyaa barreessaa jira jedhan.
Mootummaan ummataan filatame tattaaffii olaanaa fi miira jaalala biyyaan hojjechaa jiraachuu eeran.
Bara kana Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumuruu dabalatee ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu akkasumas piroojektoonni biyyaalessaa gurguddoon eegalamuu yaadachiisaniiru.
Rizoortii Shabalee biyyoota michuu ollaa wajjiin eebbifneerra kan jedhan obbo Tamasgeen Shabalee, Wancii, Cabaraa, Gorgoraa Beenunaa fi kanneen biroo pirojektoota bakka gahuumsa tuurizimii mootummaa jijjiiramaan ijaaraman ta’uu ibsaniiru.
Waggoottan darbanis ta’e baatiiwwan jahan darban injifannoowwan galmaa’an fuuldurattis cimanii itti fufuu akka qaban dhaamaniiru.
Haaluma kanaan hojiin Itiyoophiyaafis ta’ee Afrikaaf Moodeela ta’u ta’uu danda’u akka hojjetamu hubachiisaniiru.
Leeyikuun Alemtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.