Kalaqni mallattoo addaa isaa kan ta’e Yuunivarsiitii Dambi Doolloo…
Finfinnee, Guraandhala 3, 2018 (FMC) – Hojiileen Kalaqaa gara qabeenyatti jijjiiramuun faayidaa biyyaaf akka oolan hojjechaan jira jedhe Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo.
Waggoottan arfan darbaniif Teeknooloojii Dirooniirratti hojii hojjetaa turaniin Diroowwan garaagaraa 32 kan kalaqan Yuunivarsiitii Dambi Doollootti Barsiisaan Muummee Makaanikaal Injinariing Amaanu’eel Baalchaan, Diroonii qofa osoo hin taane maashinoota garaagaraa faayidaa adda addaa qaban baay’inaan kalaquu dubbatan.
Barsiisaa Amaanu’eel akka dhuunfaatti Maashinoota xixiqqaa hanga guddaatti kalaqan tajaajilaaf oolchuun madda galii mataa isaanii taasifachaa jiraachuu himan.
Maashinoota tolchaa daabboo, Eelee Buddeenaa, Maashina Bolokkeettii fi Istoovii dabalatee kanneen biroo daran humna qusatan kalaquun hawaasa naannawaaf dhiyeessuun galii isaanii guddifachaa jiru.
Kalaqoonni kunneen akka biyyaattis qabeenya akka ta’an Yuunivarsiiticha dabalatee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu eeran.
Barsiisaa Amaanu’eel faan Saayinsii kalaqa diroonii, Xiyyaaraa, Rohobootiksii, Elektirooniksii fi Kompiyuutara barattoota barsiisaa jiru.
Yeroo ammaa barattoota kennaa addaa qaban adda baasuun kalaqaarratti caalmaatti akka ciman hojiin ga’oomsuu, jajjabeessuu, deeggaruu fi hubannoo cimsuu hojjetamaa jiraachuu eeran.
Barattoonni kunneen maashinoota adda addaa, Neetwoorkii fi diroonii kalaquun hojiin isaanii beekamtii akka argatan taasifneerra jedhan Barsiisaa Amaanu’eel Baalchaan.
Ammatti sadarkaa yaadaa fi kalaqaarraa darbuun kalaqaaleen garaagaraa kana dura kalaqaman hojiitti galuun qabeenyatti jijjiiramanii faayidaa biyyaaf akka oolan hojjetamaa jira jedhan Yuunivarsiitii Dambi Doollootti Daayrekterri Hariiroo Hawaasaa fi Idil Addunyaa Gargaaraan Piroofeesaraa Mirreessaa Amanuun.
Kalaqaaleen adda adda waggoottaan darban keessa kalaqaman hedduun qaama dhimmi ilaallaturraa beekamtii argachuu fi kaan ammoo adeemsarra jiraachuu dubbatan.
Keessattuu Diroonii, Rohobootii fi maashinoonni garaagaraa beekamtii argachuu eeran.
Qaamolee dhimmi ilaallatu kan biyya keessaa fi alaa waliin hariiroo uumuun kalaqoota kanneen faayidaa biyyaaf oolchuuf hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.