Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan ajandaawwan gurguddoo irratti waliigaltee irra ga’ameera – Maahimmud Alii Yusuuf
Finfinnee, Guraandhala 8, 2018 (FMC) – Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan ajandaawwan guguddoo irratti ejjennoon waloo kan qabatamee fi waliigaltee irra kan ga’me ta’uu Dura taa’aan Komiishinii Gamtichaa Maahimmuud Alii Yusuuf ibsan.
Finfinneetti guyyoota lamaaf kan geggeeffamaa ture yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 3ffaan xumurameera.
Dura taa’aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa Maahimmud Alii Yusuuf xumura yaa’ichaa ilaalchisee ibsa kennaniin,yaa’ichi dhimmoota tarsiima’oo gurguddoo irratti mari’tee kallattiiwwan kaa’uu kaasaniiru.
Yaa’ichaan waltajjiiwwan maree dhimmoota adda addaa irratti xiyyeeffatan cinatti geggeeffamuu eeranii, yaa’ichi galteewwan misoomaa fi guddina ardichaaf fayyadan kan itti argaman ta’uu hibachiisaniiru.
Ardichatti nagaanfi tasgabbii, hojiiwwan qormaatilee dinagdee ce’uuf hojjetaman irratti rifoormii geggeessuufi yaadama haaraa hordofuun akka barbaachisuus yaa’ichi kallattii kaa’eera jedhan,
Afrikaa badhaatuu hawwinu sana dhugoomsuuf ajandaa 2063 karoorfame milkeessuuf tattaaffiin jiru qormaata keessa yoo jiraates akka ardiitti sadarkaa gaarii irra jiraachuu yaa’ichaan gamaaggamamuu kaasan.
Karoorri 2024 hanga 2028 Ajandaa ardawaa waliigalaa irraa waraabame hojiirra ooluu eegaluu kaasnii, kana milkeessuuf ardii sagaleen rasaasaa itti hin dhaga’amne dhugoomsuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Yaa’ichi jijjiiramoota mootummaa seeraan alaa biyyoota tokko tokkotti mul’atan cimsee balaaleffachuu kaasnii, adeemsi kun ardicha akka hin fayyadne ejjennoo waloo argisiiseera jedhan.
Sagantaa’ee misoomaa faayinaansiin deggeruuf ga’een damee dhuunfaa guddaa ta’uu eeranii, gama kanaan ga’ee isaa akka guddisuuf waliigalamuus ibsaniiru.
Gama biraatiin Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii keessatti teessoo dhaabbataa akka qabaattuuf mari’atamuu eeraniiru.
Afrikaan Mana Marichaa keessatti teessoo lama akka qabaattu yaa’ichaan ejeennoon qabatamuu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia