Iddoolee seenaa qabeeyyii fi uumamaa Turkiyyee…
Finfinnee, Guraandhala 10, 2018 (FMC) – Turkiyyeen biyyoota Iddoolee seenaa qabeeyyii fi uumamaa dinqisiisoo qaban keessaa tokko.
Turkiyyeen biyya seenaan badhaate, iddoolee seenaa qabeeyyii fi uumamaa dinqisiisoo, akkasuma haala teessuma lafaa garaagaraa kan qabduudha.
Qarqarawwan Galaanaa qor qalbii namaa hawwatan, Paarkilee biyyaaleessaa 45 olii fi gaarreen garaagaraa dabalatee qabeenya uumamaa qalbii turistootaa akkaan hawwatan hedduu qabaachuun beekamti.
Hagiyaa Soofiyaa, Masjiida Cuquliisa, Dallaa Gaalaataa, Qaphadooqiyaa, Qarqara Galaanaa Kaappuutaas, Gaara Neemroot,Dhakaa Awwaalchawwanii garaagaraa, Gaara Taataalii fi Gadaamiin Sumeellaa iddoolee seenaa qabeeyyii fi uumamaa Turkiyyeen qabdu keessaa isaan muraasa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.