Fana: At a Speed of Life!

Darbii Kaaba Landan akkaan eegamu…

Finfinnee, Guraandhala 14, 2018 (FMC) – Darbiin Kaaba Landan Boru Tootenhaamii fi Arsenaal gidduutti taphamu ni eegama.

Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 27ffaan har’a waaree booda sa’aatii 12:00 eegalee Astoon Viilaan Liidis Yuunaayitiid, Bireentifoord Biraayitan, akkasuma Cheelsiin Barnileey keessummeessan ni eegamu.

Galgala sa’aatii 2:30 jalqabee Weest Haam – Boornimaawuuz waliin yoo taphatu, halkan sa’aaii 5:00 eegalee Maanchiister Siitiin Niwuukaasiil waliin morkata.

Boru waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Kiristaal Paalaas – Woolviis, Notingahaam Forest – Liiverpuul, akkasuma Sandarlaandi – Fuulhaam waliin falmatu.

Galgala sa’aatii 1:30 eegalee darbiin Kaaba Landan 199ffaan hawwiin eegama.

Taphoota hanga ammaatti taphateen qabxii 29 walitti qabachuun sadarkaa 16ffaarratti kan argamu Tootenhaam qabxii 58’niin liigicha dursaa kan jiru Arsenaal waliin morkiin taasisu xiyyeeffannaa olaanaa argateera.

Arsenaal dursummaa isaa cimsachuuf, Tootenhaam ammoo sadarkaa isaa fooyyeffachuuf morkii xiiqii taasisuun eegama.

Arsenaal taphoota 27’n darban bara kana taphateen galchiiwwan 52 galchuun, galchiiwwan 20 ammoo keessummeessera.

Tootenhaam gama isaan taphoota 26’n darban taphateen galchiiwwan 36 galchuun galchiiwwan 37 ammoo keessummeesseraa.

Kilaboonni lamaan bara Faranjootaa 1909 eegalee taphoota waliin taphatan 198 keessaa Arsenaal yeroo 85 yoo injifatu, Tootenhaam, si’a 61 injifachuun, taphoota 52 ammoo qabxii qooddataniiru.

Wiixata halkan sa’aatii 5:00 jalqabee Eevartan morkiin Maanchiister Yuunaayitiid waliin taasisus xiyyeeffannoo argateera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.