Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Faanaa paartilee Siyaasaa hundaaf Carraa kan kennee dha – Paartilee Siyaasaa

Finfinnee, Guraandhala 19, 2018 (FMC)- Waltajjiin Faanaa paartilee Siyaasaa hundaaf Carraa kan kennee dha jedhan Paartileen Siyaasaa.

Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin Filannoo Waliigalaa 7ffaa ilaalchisee sagantaa Falmii waltajjii Faanaa qopheesse irratti paartileen siyaasaa adda addaa hirmaachaa jiru.

Waltajjiin Faanaa filmaatawwan imaammataa Paartileen Siyaasaa matadureewwan adda addaa irratti qaban gadi fageenyaan kan falmisiisu, karaa qaroomeen kan itti wal gaafatan fi daangaa tokko malee uummata biraan kan ittiin ga’atanii dha.

Haaluma kanaan falmii imaammata barnootaa irratti geggeeffame irratti paartileen Haqa Hawaasummaa Lammilee Itiyoophiyaa, Tumsa Tokkummaa Itipophiyaa, Badhaadhinaa fi paartiin Dimokiraatawaa Gamtaa Itiyoophiyaa hirmaataniiru.

Paartileen waltajjicha irratti hirmaatan waltajjiin Faanaa imaammatoonni yaadaan akka ifa ta’an fi hawaasnis filmaatawwan imaammataa jiran keessaa akka filatu kan dandessisu ta’uu ibsanii, kunis wayita filannoo hubannaa ga’aa qabaatee sagalee isaa akka kennuu gargaara jedhan.

Waltajjichi qajeeltoon akka qophaa’uu fi paartilee siyaasaa hundaaf carraa kan kennu ta’uus paartileen kunnin ibsaniiru.

Waltajjiin Faanaa yeroo hunda Sanbata galgala Raadiyoo, TV fi filmaatawwan Dijitaalaan hordoftootaaf kan dhiyaatuu dha.

Afawarqi Iyyaayyuu tu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.