Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Azerbaajaan galan

Finfinnee, Guraandhala 19, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoofi jila hoggantoota olaanoo motummaa waliin daawwannaa hojiif Azerbaajaan galaniiru.

Waajjirri Ministira Muummee akka eeretti, hariiroon Itiyoophiyaa fi Azerbaajaan waggoota dhiyoo asi jabaachaa dhufeera.

Kanaafis hariiroon dippilomaasii cimee itti fufe agarsistuu tokko ta’uu waajjirichi odeeffannoo baaseen ibseera.

Hariiroo biyyoota lamaanii guddachaa dhufe hordofee Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Rippaablika Azerbaajaan galuun ifatti daawwannaa hojii eegalaniiru.

Daawwannaan kun hariiroo gam-lamee sadarkaa olaanaa fi hiika qabeessa irraan ga’a jedhamee akka eegamus eereera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.