Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaa Dooktar Abiy Ahimad Ajarbaajaatti taasisaniifi michummaa haaraa…

Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC)- Daawwannaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Azarbaajaanitti taasisan Itiyoophiyaan tumsa haaraa fi michummaa cimsuuf kan hojjetu ta’uu agarsiiftuudha jedhan Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos

Dooktar Geediyoon daawwannaa Jilli Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu Azarbaajaanitti taasise ilaalchiisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaan hariiroo biyyoota guddatan waliin taasiftu irra darbee biyyoota waliin tumsa haaraa cimsuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Itiyoophiyaan dhiibbaa Ardiichaa fi naannawichatti qabduun hariiroo Afrikaa waliin taasifamuuf filatamtuu ta’uu eeruun, hojiilee hammattoo foooyyeessi diinagdee gooroon hawwatummaan invastimantiifi daldalaa dabalaa dhufuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan Azarbaajaan fedhii daldalaa fi invastimantii Afrikaarratti hirmaachuuf qabduu dursummaan filannoon ishee Itiyoophiyaa ta’uu eeraniiru.

Daawwannaan Dooktar Abiy Ahimad Azarbaajaanitti taasisan imaammata hariiroo alaaf Itiyoophiyaan dursa kennuu agarsiiftuudha jedhan.

Kanaan duraa Itiyoophiyaan hariiroo gamlamee biyyoota dhiibbaa uuman muraasa qofa waliin qabdu babal’isuuf keessumaa biyyoota muuxannoo fi ogummaan irraa argamu waliin tumsa haaraa cimsuuf fedhiin qabdu olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Hayilamaariyaam Tagganyiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.