Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa waggaa 130ffaan har’a kabajama

Finfinnee, Guraandhala 23, 2018 (FMC) –Injifannoon Adwaa waggaa 130ffaan har’a sagantaalee adda addaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa Birbirsa Goorootti argamutti ni kabajama.

Guyyaa kaleessaa bakka Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen argamanitti Yaadannoo Injifannoo Adwaatti marii Paanaaliin kabajamuun kan yaadatamuudha.

Har’a ayyaanichi kutaalee biyyattii hundatti yaadatamaa oola.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Injifannoon Adwaa murannoo fi ga’umsa Itiyoophiyaanotaa kan mul’isu ta’uu eeruun, Itiyoophiyaanoonni faayidaa biyyaalessaa, bilisummaa fi birmadummaa biyyaarratti ejjennoo hin jijjiiramne qabu jedhan.

Sirnii fi hoggantoonni jijjiramuu danda’u, dhimmoota tokko tokkorratti garaagarteen jiraachuu mala, ejjennoo fi murannoon biyya isaaniif qaban garuu hin jijjiiramu jechuun ibsan.

Gootummaa jechuun faayidaa biyyaalessaaf jecha fedhii dhuunfaa injifachuu jechuudha.

Kabaja biyyaalessaaf jecha kabaja dhuunfaa wareegudha.

AdwaanCichoominni, gootummaa, tokkummaa fi daandeentiin lammiilee Itiyoophiyaa kan itti ifoomeedha.

Injifannoo Adwaa damee hundaan dabaluuf dandeettiin Itiyoophiyaa bu’uura cimaa qabaachuu qaba jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.