Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee fi hoggantoonni olaanoon Siidaa Yaadannoo goototaa jala Abaaboo kaa’an
Finfinnee, Guraandhala 23, 2018 (FMC) –Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee fi hoggantoonni olaanoon guyyaa Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan sababeeffachuun Siidaa Yaadannoo goototaa jala Abaaboo kaa’aniiru.
Injifannoon Adwaa injifannoo lammiileen Itiyoophiyaa hundi garaagarummaa malee birmadummaa fi kabaja biyyaaf itti wareegameen ibsituu Tokkummaa biyyaalessaati!
Guyyaan Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan bakka Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasee Caafoo, Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aganyahuu Tashaagar, Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Ayishaa Mahaammad, Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee ministiroonni, gootonni, ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, bakka buutoonni dhaabbilee idil addunyaa fi keessummoonni waamichi godhameef saganticharratti argamanitti kabajamaa jira.
Gizaachoo Girmaayeetiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.