Fana: At a Speed of Life!

Adwaa Gaarreen Adwaa hanga Gubaatti…

Finfinnee, Guraandhala 23, 2018 (FMC) –Adwaan waraana dirree qofa osoo hin taane labsii Itiyoophiyaan carraa ofii murteessuu Addunyaaf itti labsiteedha jedhe Waajjirri Ministira Muummee FDRI.

Wareegama isaanii yaadachuun seenaa kaleessaan jiraachuu qofa osoo hin taane har’as seenaa hojjechuuni.

Afuura Adwaan durfamuun carraa Itiyoophiyaa gara fuulduraa murteessuu itti fufna jedhe Waajjirich.

Yeroo ammaas Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa milkeessuun Adwaa 2ffaa galmeessuun gootummaa fi gootan durfamuu keenyaaf ragaadha.

Ida’amuun Afuura Adwaan yoo durfamne Itiyoophiyaan waan hunda milkeessuu akka dandeessu agarsiiftuudha.

Kaayyoo tokkoon hiriiruun ida’amuun yoo imalle ga’umsa Itiyoophiyaa goonkuma daangeessuun hin danda’amu.

Guddaa turre, caalmaatti guddaa taana jechuun ibse.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.