ABUT bajeeta misoomaaf ramadame qophii waraanaaf oolchaa jira – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Guraandhala 24, 2018(FMC) – ABUT bajeeta misoomaaf ramadame qophii waraanaaf oolchaa jira jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy ergaa Afaan Tigireen dabarsaniin mootummaan naannoo Tigraayitti nagaan akka bu’uuf fedhii cimaa qaba jedhan.
Kanaafis aarsaa kamuu akka kaffalu mirkaneessaniiru.
Mootummaan uummanni Tigraay nagaa akka argatuuf tajaajilawwan akka baankii, ibsaa fi telekoominikeeshinii ariitiin akka deebi’an gochuu isaa yaadachiisaniiru.
Garichi sirna heera mootummaan hundaa’e fi Boordii Filannoo hinkabajne jedhan.
Baajeta misoomaaf ramadames qophii waraanaa fi nyaata hidhattootaaf oolchaa akka jiru ibsan.
Kunis uummata Tigiraay irratti dararaa dabalataa fidaa jiraachuu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia