Tiraamp gita isaanii Raashiyaa waliin bilbilaan mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 1, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin bilbilaan mari’ataniiru.
Qaamoleen lamaan dhimmoota waqtaawaa Iraan, akkasuma Yuukreenii fi Raashiyaa ilaalchisee mari’achuu isaanii gargaaraa Dubbii Himaan Kreemliin Yuurii Ushaakoov ibsaniiru.
Mariin hoggantoonni lamaan bilbilaan gaggeessan bu’aa qabeessa ta’uu himani.
Pireezidaanti Putiin haala walitti bu’iinsa Iraan dhaabuun danda’amurratti yaada siyaasaa fi dippiloomaasii dhiyaassaniiru jedhame.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi gama isaaniin duula Ameerikaa fi Israa’eel Iraanirratti gaggeessaa jiran ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Dabalataan Raashiyaa fi Yuukreen waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka taasisan fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Pireezidaanti Tiraampi rakkoon biyyoota lamaanii waaraan akka furamu fedhii qabaachuu eeran.
Hoggantoonni lamaan gatii Boba’aa fi haala waliigalaa Veenzuweelaarratti mari’achuu isaanii Anaadooluun gabaaseera.
Abeel Nawaayiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.