Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 30ffaan har’aa eegaluun taphatamu
Finfinnee, Bitootessa 5, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 30ffaan taphni Liiverpuul Tootenhaam, Maanchiister Yuunaayitiid ammoo Astoon Viilaa keessummeessan ni eegamu.
Har’a waaree booda sa’aatii 12:00 eegalee Barnileey – Boornimaawuuz, Sandarlaandi ammoo Biraayitan waliin taphatu.
Galgala sa’aatii 2:30 jalqabee dursaan liigichaa Arsenaal Eevartan waliin yoo morkatu, sa’aatuma walfakkaatuutti Cheelsiin Niwuukaasiil waliin falmata.
Halkan sa’aatii 5:00 eegale Weest Haam Maanchiister Siitii waliin keessummeessa.
Siitiin morkii waancaa cimsachuuf Weest Haam ammoo sarara gara gadiitti bu’uu keessaa bahuuf taphni taasisan ni eegama.
Tapha kana yoo injifannee carraan Waancaa argachuu keenyaa bal’adha, garuu qabxii ganne taanaan morkii waancaa ala ta’uu keenyatu mirkanaa’a jedhan Leenjisaan Maanchiister Siitii Peeppi Gaardiyoolaan yaada kennaniin.
Boru waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee taphoonni 3 kan taphataman yoo ta’u, Kiristaal Paalaas – Liidis Yuunaayitiid, Notingahaam Forest – Fuulhaam waliin yoo taphatan, sa’aatuma kanatti morkiin Maanchiister Yuunaayitiid – Astoon Viilaa waliin taasisu ni eegama.
Yuunaayitiidii fi Viilaan taphoota hanga ammaatti taphatameen qabxii 51walqixa walitti qabachuun galchiin walcaaluun sadarkaa 3ffaa fi 4ffaarratti argamu.
Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee falmiin Liiverpuul – Tootenhaam waliin taasisu ni eegama.
Liiverpuul hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dhufuu argachuuf, Tootenhaam ammoo sodaa gara gadiitti bu’uu qabu jalaa ooluuf morkiin taasisan akkaan eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.