Fana: At a Speed of Life!

Gootichi fiilmiiwwan Holiwuud Chaak Nooris addunyaa kanarraa du’aan boqote

Finfinnee, Bitootessa 11, 2018 (FMC) – Taatoon fiilmii Holiwuud beekamaa fi gootni ogummaa maarshaalii Chaak Nooris ganna 86’tti addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.

Nooris bara 1940 Okayoomaatti kan dhalate yoo ta’u, ogummaa maarshaal aartiin beekamuu isaan dura Humna Qilleensaa Ameerikaa keessa tajaajileera.

Taphaataa fiilmiiwwan ‘action’ ykn gochaan beekamu kun, keessattuu fiilmii itti fufiinsaan hojjetame “Walker, Texas Ranger” jedhamu, akkasumas dargaggoota biratti fiilmii isaa “Forever Mortalized” jedhamuun addatti beekama.

Chaak Nooris dhukkuba isa mudateen Hawaayitti yaalamaa turuun, dhalatee ganna 86ffaa isaatti addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.

Abeel Niwaayiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.