Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 55ffaan gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 15, 2018 (FMC) – Dorgommiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Itiyoophiyaa 55ffaan Istaadiyeemii Idil-addunyaa Adey Ababaatti guyyaa har’aa gaggeeffamuu eegaleera.

Dorgommii kana irratti Atileetonni kumni 1 ol naannolee 9, bulchiinsota magaalaa lameenii fi kilabiiwwan 36 irraa walitti babba’an hirmaachaa jiru.

Atileetota dorgommicha injifataniif badhaasni meedaaliyaafi maallaqaa kan kennamu ta’uu fi Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf kan keessummeessitu ‘One Day Meeting’ irratti akka hirmaatan eerameera.

Dorgommiin kun Bitootessa 15-20, 2018 gaggeeffama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.