Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa vs Saawoo Toomee fi Pirinsippee

Finfinnee, Bitootessa 18, 2018(FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a tapha gulaallii duraa Waancaa Afrikaa 2027 gita isaa Saawoo Toomee fi Pirinsippee waliin taphata.‎

Tapha kanaan gareen dhaqaa gala injifate ramaddii gulaallii Waancaa Afrikaaf darba.

Taphni kun har’a galgala sa’aatii 12:00 eegalee Moorookoo Istaadiyeemii Eel Abdiittii taphatama.

Taphni deebiin Itiyoophiyaa Istaadiyeemii Dirree Dhawaatti taphatama jedhame.

Marsaa duraa kanaan biyyoonni 12 kan walfammatan yoo ta’u, biyyoonni 6 gara marsaa gulaalli itti aanuuf ni darbu.

Waancaa Afrikaa bara 2027 Keeniyaa, Yugaandaa fi Taanzaaniyaatu waloon qopheessa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.