Weellisaa beekamaan duraanii Baaleendiraa Shaahiin Ministira Muummee Neeppaal ta’e
Finfinnee, Bitootessa 18, 2018(FMC) – Weellisaa beekamaa kan ture Baaleendiraa Shaahiin Ministira Muummee Neeppaal ta’uu sirna kakuu raawwate.
Dargaggoon umrii waggaa 35 Baaleendiraa Shaahiin Ministira Muummee Neeppaal umriin xiqqaa isa jalqabaa ta’uutu ibsame.
Ogummaa muuziqaarraa gara Siyaasaa kan seene Baaleendiraa Shaahiin gara aangootti osoo hin dhufin dura weelluu ‘Neeppaal tokko’ jedhu ummata biraan gaheen jaalala guddaa horateera.
Muuziqichi gadi lakkifamee sa’aatiiwwan muraasa keessatti namoota miiliyoona 2 oliin kan daawwatame yoo ta’u, seenaa muuziqaa biyyattii keessatti taatee haaraa ta’uutu eerame.
Waggoota sadiif Kantibaa magaalaa Kaatimaanduu ta’uun kan tajaajile Baaleendiraa Shaahiin filannoo biyyaalessaarratti paartii Raastiriyaa Iswaataantiraa bakka bu’uun dorgomuun milkaa’eera.
Baaleendiraa Shaahiin har’a Ministira Muummee Neeppaal ta’uun sirna Kakuu kan raawwate yoo ta’u, Kaabinee dubartoota 5 of keessatti hammate ifa taasisuu Barruun ‘The Week’ jedhamu gabaaseera.
Miikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia