Saa’oo Toomee fi Pirinsiippee 0 – 3 Itiyoophiyaa
Finfinnee, Bitootessa 18, 2018 (FMC) – Tapha gulaallii duraa waancaa Afrikaa 2027 har’a taphatameen Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Saa’oo Toomee fi Pirinsiippee injifateera.
Taphni kun har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee Moorookoo Istaadiyeemii Eel Abdiittii taphatameen Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa galchii 3 fi 0’n Saa’oo Toomee fi Pirinsiippee injifateera.
Taphni deebiin Itiyoophiyaa Istaadiyeemii Dirree Dhawaatti taphatama jedhame.
Tapha kanaan gareen dhaqaa gala injifate ramaddii gulaallii Waancaa Afrikaaf darba.
Waancaa Afrikaa bara 2027 Keeniyaa, Yugaandaa fi Taanzaaniyaatu waloon qopheessa.
#Oromia #Ethiopia