Haleellaa marsaa 2ffaa Huutii fi Waraana Lafoo Ameerikaa…
Finfinnee, Bitootessa 20, 2018 (FMC) – Waraana Ameerikaa- Israa’el fi Iraanitti kan makame gareen hidhattootaa Yaman Huutiin Israa’el irratti yeroo 2ffaaf haleellaa raawwachuu beeksiseera.
Garichi qiyyeeffannaawwan waraanaa Israa’el irratti haleellaawwan miisaa’elaafi diroonii raawwachuu Dubbi Himaan garichaa Yaahiyyaa Saariin ibsaniiru.
Garichi guyyoottan itti aananittis haleellaa walfakkaataa akka raawwatu akeekkachiisuu BBC’n gabaaseera.
Gama biraan Ameerikaan Iraanitti duula addaa waraana lafarraa bobbaasuuf qophiirra akka jirtu dhagahameera.
Waraanni Ameerikaa loltoota kumaatamatti lakkaa’amaniifi duula waraana lafoo torbanootaaf turu eegaluuf karoorsuun ibsameera.
Karoorri kun hanga ammaatti Pirezedaantii biyyattii Doonaald Tiraampi irraa eeyyama akka hin arganne aanga’oota biyyattii wabeeffachuun Waashingitan Poost gabaaseera.
Hayilamaariyaam Taganyiin.
#Oromia #Ethiopia