Dorgommiin Ispoortiiwwan Aadaa Itiyoophiyaa 23ffaa fi Feestivaalli Ispoortiiwwan Aadaa Itiyoophiyaa 19ffaan eegalame
Finfinnee, Bitootessa 20, 2018 (FMC) – Dorgommiin Ispoortiiwwan Aadaa Itiyoophiyaa 23ffaa fi Feestivaalli Ispoortiiwwan Aadaa Itiyoophiyaa 19ffaan guyyaa har’aa magaalaa Hararitti gaggeeffamuu eegaleera.
Dorgommiifi feestivaala kanarratti Ispooratessitoonni kumni 1500 gosoota dorgommii 11’n akka hirmaatan eerameera.
Dorgommiifi feestivaala kanarratti Pirezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Oordiin Badrii, Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Makkiyyuu Mahaammad, Pirezidaantiin Federeeshinii Ispoortiiwwan Aadaa Itiyoophiyaa aadde Hiywoot Mahaammad fi hoggantoonni olaanoon biroon argamaniiru.
Dorgommichi har’a irraa eegalee torban tokkoof gaggeeffama.
#Oromia #Ethiopia