Fana: At a Speed of Life!

Yaaddoo sarbiinsa mirga namummaa Waancaa Addunyaa 2026 mudachuu malu

Finfinnee, Bitootessa 21, 2018 (FMC) – Waancaa Addunyaa 2026 Ameerikaa, Kanaadaa fi Meeksikoo keessatti gaggeeffamu irratti yaaddoon sarbiinsa mirga namummaa mudachuu danda’a jechuun Aministii Internaashinaal beeksise.

Aministii Internaashinaal gabaasa mataduree “Namummaan mo’achuu qaba” jedhuun baaseen, morkii Waancaa Addunyaa 2026 irratti yaaddoon sarbiinsa mirga namummaa jiraachuu akka danda’u akeekkachiiseera.

Keessattuu sagantaalee hedduu dorgommichaa kan keessummeessitu Ameerikaatti mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi raawwii seera imigireeshinii waliin walqabatee yaaddoon jiraachuu gabaasa isaatiin himeera.

Dhaabbanni kun, ejensii imigireeshinii fi gumurukaa biyyattii (ICE) waliin walqabatee biyyaa ari’uu fi hidhaa seeraan alaa raawwatamuun dorgommii kana irratti yaaddoo guddaa kan uume ta’uu kaaseera.

Gama biraatiin, Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa (FIFA) Waancaa Addunyaa 2026 akka karoorfametti nageenyi isaa eegamee karaa milkaa’ina qabuun gaggeessuuf qophiin barbaachisaan taasifamuu mirkaneesseera.

Haa ta’u malee, Aministii Internaashinaal yeroo dorgommii Waancaa Addunyaa kanatti mirga namummaa eegsisuun dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaadu ta’uu hubachiiseera.

Kanaafuu, FIFA fi biyyoonni dorgommii kana keessummeessan deeggartoota, taphattootaa fi gaazexeessitootaaf yeroo dorgommii sanatti eegumsa barbaachisu gochuufii akka qaban akeekkachiseera

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.